Shawaa Lixaa, Aanaa Jalduutti Miseensonni Milishaa 19 Hidhattootaan Ajjeefaman, Jedhu Maatiwwan Isaanii Keessaa

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Kamisa darbe Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduutti haleellaa humnoota WBO’n gaggeeffame jedhameen miseensonni milishaa 19 ajjeefamuu maatiiwwan milishaa VOA’f himanii jiran. Abdiisaa Didhaa jiraataan Aanaa Jalduu VOA’f taateen kun Godina Shawaa Lixaa ganda Kilbeetti mudachuu eeree, Abbaan isaa Obbo Didhaa Amaaraa, miseensi milishaa ajjeefamuu ibsee jira. Maatiin milishoota kunneen ajjeefaman jedhamee, ajjeechaa kanaaf kan himatan Waraana Bilisummaa Oromoo yoo ta’u, bulchiinsi aanaa Jalduus, hidhata gahaa malee namoota umriin deeman kana achitti erguu isaas himatanii jiran, Waajjirri Milishaa Aanaa Jalduu ajjeechaan kun Miseensawwan milishaarratti raawwatamuu mirkaneesseera.