Poolisiin Mozaambiik  Wiixata Har'aa Namoota Filannoon Walqabatee Mormii Ba'an Gaazii Nama Imimmaansu Itti Dhukaasun Bittimse 

  • VOA

Hiriira Mormii Mozaambikitti bahame, Mapputoo, Mozaambiik Onk. 21, 2024.

Poolisiin Mozaambiik Wiixata har’a namoota lakkoobsaan xiqqaa kanneen magaalaa Mapuutoo keessatti hanna filannoo irratti raawwatame jedhame mormuuf bahan gaazii imimmaansuu dhukaasuun bittimsee jira.

Gaazexeessitoota dabalatee namoonni kurna hedduu ta’an poolisoonni hidhannoo guddaa qaban daandii guddaa tokko irra osoo deemaa jiranii faffaca’uu isaanii viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfamee fi rippoortarri dhaabbata oduu Ajaans Firaans Prees (AFP) bakka sanatti argamu ibsee jira.

Filannoo Onkoloolessa 9 gaggeeffame pirezidaantii ta’uuf kan dorgoman hogganaan mormituu Venanshiyoo Mondaleen, ba’ii sagalee paartii biyya bulchaa jiru Frelimoon dursaa jiru mormuuf hiriira waamuun isaanii ni yaadatama.

Sanbata darbe Mapuutoo keessatti hiriyyoonni Mondaleen lama rasaasaan erga ajjeefamanii booda muddamsii hammaatee jira. Abbaan seeraa Elviino Diyas fi Pawuloo Guwaambee, kaadhimamaa paartii xiqqaa Podemos kan Mondaleen deeggaru irraa, konkolaataan keessa turan rasaasaan rukutamuu isaanii namoonni ijaan argan himaniiru.

Hogganaan Podemos Albiinoo Forquilha ajjeechaa kana AFPf kan mirkaneessan yoo ta'u, poolisiin "qorannoon jalqabameera garuu eenyummaa namoota lamaan kanaa hin mirkaneessine," jedheera.

Gamtaan Awurooppaa, Gamtaan Afriikaa fi Tokkummaan Mootummootaa haala kana kana balaaleffachuun qaamolee yakka kana raawwatan eenyummaa isaanii akka adda baasaniif waamicha dhiyeessaniiru.