Markaatoo Naannnoo Shammaa Taraatti Balaan Abiddaa Harra Dhaqabe Miidhaa Guddaa Geechisuun Ibsame

  • VOA

Suuraaa bakka balaan abiddaa itti ka'e agarsiisu Kantiiibaal Magaala Finfinnee Feesbuukii irratti maxxansa, Markaatoo, Finfinnee, Onk. 21, 2024.

Balaa abiddaa Wiixata harraa Finfinnee, gabaa Markaatoo keessatti mudateen qabeenya irra miidhaan gahe gaddisiisaa ta’uu isaa Kantiibaan magaalattii Adaanech Abeebee toora miidiyaa hawaasumaa isaanii irratti beeksisan.

Maxxansa isaanii irratti abiddi ka'ee ture to’annaa jala ooluu ifa an godhan kantiibaan magaalattii, balaa kanaaf maal sababa akka ta'e qoratamaa jiraachus ibsaniiru. Abidi ka'e to'annaa jala ooluun duras suuraawwan fi viidiyooleen gamoowwan abiddii itti qabate agarsiisan namootaan karaa miidiyaa hawaasummaa maxxanfamaa turan.

Odeeffannoo dabalata akkuma arganneen gabaasa ballaa sin biraan geenya.