Naannoo Oromiyaa godina wallagaa lixaa aanaalee adda addaa keessatti waldhabdeen humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti deemaa jiru daraan cime itti fufee jiraachuu jiraattonni Sagalee Ameerikaaf bilbilaan himan.
Jiraattonni godina wallagaa lixaa aanaa Qondalaa humnoonni mootummaa WBO’f deggersa kennitu, miseensonni maatii keessan bosona keessa jiru, jechuun namoota nagaa irratti tarkaanfii fudhachuu isaanii himaan.
Waraana Bilisummaa Oromoos Millishaa fi hoggansa caasaa ganda dhiyeenyaa kana hojiirraa oolen ramadaman gara ganda itti ramadamanii deemaa irratti tarkaanfii fudhachaa jira jechuun himaaniiru.
Bulchaan Aanaa qondalaa Obbo Daani’el Jiraa humnoonni mootummaa lammiilee nagaa irratti tarkaanfii hin fudhanne jechuun himannaa kana halaaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa naannichaatti godinaalee hedduu keessatti qaamolee waraanaa lamaaniin lammiileen nagaa akka ajjeeffamaan odeffaannoon godinaalee walitti bu’insii kun itti hammaate irraa isaa qaqaaba akka jiru beeksisera. Tsehay Daamxootu gabaase.