Bulchiinsa mootummaa naannoo Amhaaraa keessatti ji’oota sadii darban keessatti namoonni 37 dhibee busaan yommuu du’an kanneen 600,000 ta’animmoo dhibee busaan qabamuu fi torbaan lamaan darbanitti qofaa namoonni 64,000 dhibee busaan qabamuu Inistitiyuutiin fayyaa hawwaasaa naannichaa ibseera. Daarikettri Inistitiyuutii fayyaa hawwaasaa naannoo Amhaaraa Dr Masaay Haayiluu dhiyyeenya ibsa sagalee Ameerikaaf kennaniin weerarri dhibee busaa kun aanaalee 222 keessatti babbal’achuu ibsaniiru. Inistitiyuutii fayyaa hawwaasaa naannichaatti qindeessaan sagantaa to’annaa dhukkuba busaa Obbo Daamxee Laanker yaada sagalee Ameerikaaf kennaniin tattamsa’inni dhukkubichaa kan duraan turerra dhibbeentaa 40 dabaleeras jedhan.
Dhaabbanni fayyaa Addunyaa gabaasa isaa gaafa Fulbaana 30, bara 2024 baase keessatti Itiyoophiyaa keessatti ji’a Amajjii bara 2024 irraa kaasee hanga ji’a Fulbaanaa 22, bara 2024 tti namoonni Miiliyoona 5.9 ol dhibee busaan yommuu
qabaman kanneen Kuma tokkoo fi digdamii sadii ta’aniimmoo du’aniiru jedheera.Baahirdaar Irraa kan Asteer Misgaanaawu tu gabaase.