Dhimmoota ajandaa sadarkaa biyyoolessaa ijoo ta’an kan bulchiinsa naannoo Somaalee adda baasuuf adeemsa jiru xumuramuu komishinarri olaanaa Komishinii Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Araayyaa ibsanii jiru. Walgahii sadarkaa naannootti magaalaa guddoo kan taatee Jigjigaa keessatti Onkoloolessa 20-25, 2024tti gaggeeffame kana irratti bakka bu’oota hawaasaa, hoggantoota paartilee siyaasaa, qondaaltota naannoo fi bakka bu’oota waldaalee lammummaa dabalatee namoonni 1,200 ta’an argamuu Piroofeesar Masfin Araayyaa sagalee Amerikaaf ibsan.
Hirmaattonni walgahichaa, dhimmoota waloo isaanii irratti waliin mari’achuun, ajandaa marii biyyoolessaa adda baasuun, bakka bu’oota isaanii yaa’ii guutuu biyyoolessaa irratti hirmaatan filachuu isaanii ibsan. Gama kaaniin Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaaden (ONLF) adeemsa marii biyyoolessaa irratti hirmaannaa isaa addaan kutuu isaa beeksise sababaan kennees, hunda hammatamuu mirkaneessuu dadhabe jechuun himate.
Ibsa Dilbata Waxabajjii 20 bara 2024 guyyaa walgahiin sadarkaa naannoo eegale sana baaseen, ONLF akka jedhutti "tarkaanfiin dhiheenya kana paartiin biyya bulchaa jiru Naannoo Somaalee keessatti fudhate gama tokkoon hirmaattota filachuun, waliigaltee paartilee siyaasaa waliin taasifame cabsuu fi sagalee adda addaa cinaatti dhiisuun adeemsa kana miidheera".
"Haalli adda qooduu kun kaayyoo marii biyyaalessaa kan faallessu yoo ta'u, kun silaa qooda fudhattoota hunda walitti fiduun hundee waldhabdee furuuf kan yaadamedha" jedha ibsichi.
Piroofeesar Masfin garuu adeemsi ture hunda kan hammatee fi qooda fudhattoota birootiin hordofamaa ture jechuun falman. Michoonni idil-addunyaa mariin biyyoolessaa kun "foyya'iinsa Itoophiyaaf" gama hunda walitti fiduuf daandii isa ittiin jalqabnudha jedhu.
Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri U.S. Ervin Massinga, Haasaa imaammataa Caamsaa 15, 2024 taasisaniin, mudaa qabaatuus qaamoonni Itoophiyaa keessa jiran hundi carraa Marii Biyyaalessaa kennutti akka fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru, jechuun dubbatanii jiru.