Leebaanan Keessattti Balaliin Xayyaaraa Addaan Cituun Lammiwwan Ishee Baasuuf  Danqaa Ta’uu Itiyoophiyaan beeksiifte

  • VOA

FAAYILII- Lammiiwwan Itiyoopiyaa Keessaa sababaa balaliin adda citeen Libaanon keessaa akka hin baane danqaman

Leebaanan keessattti Balaiin xayyaaraa addaan cituun lammiwwan ofii gamasii baasuuf danqaa uumuu isaa Itiyoophiyaan beeksiiftee jirti.

Biyya Leebaanan keessaatti haala rakkisaa keessa kan turan lammiwwan Itiyoophoyaa 125 gara biyya ofitti deebi’uu isaanii ministriin dantaa alaakan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Isaan kana keessaa 61 Dilbata kaleessaa 64 immoo guyyaa har’a gara Itiyoophiyaatti deebi’an.

Yeroo ammaa gara Leebaananittis ta’e Leebaanan irraa gara biyya alaatti balalii kallattii gaggeessaa kan jiru daandii balalii xayyaaraa Leebaanan kan ta’e miidil ist erlaayins qofa waan ta’eef lammiwwan Itiyoohpiayaa kaleessaa fi har’a biyyatti deebi’anis karuuma sananaan imaluun akka ta’e ibsameera.

Dubbii himaa ministeera dantaa alaa Itiyoophiyaa AmbaasaaddarNabiyaat Geetaachoo lammiwwan Itiyoophiyaa 5000 ol gara biyya ofiitti deebi’uuf galmaa’uu isaanii sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Ta’uus garuu, tajaajiilli balaliin xayyaaraa addaan cituu fi rakkoon Leebaanan keessa jiru deemsa lammiwwan gara biyyaatti deebisuuf ta’u irratti rakkoo uumuu ibsan.

Karaa mootummaan galmee seera qabaeessa warra hin qabnee dabalatee, kannen gara biyya ofitti deebi’uu fedhan gamasii baasuuf yaaliin ta’u itti fufee akka jiru ibsaniiru jechuun keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.