Bulchiinsa naannoo Amaaraa magaalaalee tokko tokko keessatti walitti bu’iinsii mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu hanga tokko gab eega jedhee booda, irra deebiin hammaachuu isaa jiraattonni ibsanii jiru.
Walitti bu’iinsii kun harka caalaan godiina Gojjam Bahaa magaalaa Mooxaa Qaraaniyoo fi godiina bulchiinsa hawaasa Awwii magaalaa Addis Qidaam keessatti akka ta’e kanneen ijaan argan ibsanii jiru.
Jiraattonni magaaloota lamaanii Dilbata kaleessaa dhukaasii gama lameenii dhakaafamaa akka ture fi har’a immoo Mooxaa irratti itti fufuu isaa ibsan.
Sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamnee jiraattonni gaafatan akka jedhanti, walitti bu’iinsa kana hordoofee har’a dhaabbileen daldalaa cufamuu fi sochiin geejibaa akka hin jirre dubbatan.
Magaalaa Addis Qidaam keessatti walitti bu’iinsa gaggeeffameen namonni du’uu fi reeffii isaanii iddoo biraatti ennaa gaggeeffamu kanneen ijaan agarree jedhan dubbatanii jiru.
Godiina Gojjam Bahaatti bulchaa aanaa Ijju Annasee lamaanii Obbo Maamaaruu Aynaababaa akkasumas bulchiinsa naannoo Amaaraatti waajiira komuunikeeshinii mootummaaf ittigaafatamaa kan ta’an Dr Mangashaa Faantaawf bilbillaa harka isaanii irratti yaaliin ta’uus waan hin kaafneef milkaa’uu hin dandeenye jechuun Asteer Misgaanaaw Baahirdaar irraa gabaastee jirti.