Israa’el jalqaba bara dhufuutti seerri haaraan hojiirra erga oolee booda, dhaabbata baqattoota Falasxiin kan Tokkummaa mootummootaa waliin tumsa akka hin qabaannee Ministeerri haajaa alaa Israa’el Tokkummaa Mootummoota sirnaan beeksisuu isaa wiixata har’a ibsee jira.
Tarkaanfiin kun kan fudhatame paarlaamaan Israa’el seera hariiroo dhaabbaticha waliin qabu addaan kutuu fi Israa’el keessatti akka hin sochoone dhorku raggaasisuu isaa hordofeeti.
“Ragaaleen Hamaas dhaabbata baqattoota Faalisxiin kan Tokkummaa Mootummootaa keessa seenuu isaa mirkaneessan baay’een dhaabbaticha addunyaaf dhiyeessineerra.Garu Tokkummaan Mootummootaa haala kana sirreessuuf homaa hin goone,” jechuun Tokkummaa Mootummootaa keessatti Ambaasaaddarri Israa’el Daani Daanoon ibsa baasaniin beeksiisanii jiru.
Israa’el yeroo dheeraaf dhhaabata baqattoota Faalisxiin kan Tokkummaa Mootummootaa qeeqaa kan turte yoo ta’u, hojjettoonni ishee tokko tokko haleellaa Onkoloolessa 7, 2023 Israa’el irratti raawwatame irratti hirmaataniiru jechuun himatteetti.