Filattoonni Ameerikaa pirezidaantii isaanii itti aanu filachuuf Kibxata borii sagalee kennuuf kan jiran yoo ta’u, Kamala Harris guyyoota dhumaa duula filannoo isaanii kutaa falmii qabu Michigan keessatti dabarsuun mana nyaataa Detroit keessatti filattota waliin wal argan.
''Sabni jibbaa fi qoqqoodinsa irratti fuula garagalchee karaa haaraa fuulduratti tarkaanfachiisuuf kutate nan arga. Yeroon deemu, Ameerikaanota kutaalee diimaa jedhaman irraa kaasee hanga kutaalee bifa cuqulisaa jedhaman kanneen arkii seenaa gara haqaatti qaxxaamursisuuff qophaa’an nan arga.” Jedhan Haaris.
Doonaald Tiraampkutaa kutaa falmii qabu Noorz Kaarolinaa keessatti duula filannoo kan gaggeessan yoo ta’u, guyyaa filannootti injifannoo akka argatan ofitti amanamummaa akka qabu deeggartootatti himaniiru.
''Sababni isaas dursa guddaa fi bareedaa waan qabnuufii. Wanti nuti gochuu qabnu Maayik, wanti nuti gochuu qabnu Kibxata baanee sagalee kennuu, sagalee kennuu, sagalee kennuu qofa.” Jedhan.
Filannoo kana irratti lammiileen Ameerikaa miliyoona 75 ol sagalee kennaniiru. Sunis waliigalaan warra waggaa afur dura sagalee kennan keessaa walakkaatti dhiyaata. Sagaleen uummataa funaanamee dorgommiin kun walitti dhiyeenya akka qabuu agarsiisa.