Raashaan Filannoon Yunaayitid Isteetis Akka Waan Rakkoo Qabu Fakkeessuu Yaalte: Angawoota Nageenya Biyyoolessaa

  • VOA

FAAYILII - Magaala guddoo Raashiyaa, Moosikoo, Hagayya 5, 2024.

Raashaan filannoo Yunaayitid Isteetis jeequuf ergaa doorsisa Boombii sobaa ergite himannaa jedhu bifa amansiisaa hin ta’iniin haalte. Tiraamp filatamuu isaaniitti gammaduu ishee illee mallattoo agarsiistee jirti.

FBIn akka jedhetti, iddoowwan filannoo 50 ol ta’an kutaalee falmisiisoo ta’an keessatti guyyaa filannoo Yunaayitid Isteetis geggeessame doorsisa boombii sobaa kan argatan yoo ta’u, iimeelonni kutaalee kana keessaa afur keessatti argaman ammo teessoon marsariitii isaanii Raashiyaa irraa kan dhufani dha. Dorsiisni boombii sobaa bakkeewwan filannoo kudhanootaan lakkaa'aman kanneen ‘swing states’ jedhaman keessatti raawwatame.

Dorsiisni iddoowwan filannoo Joorjiyaa, Michigaan, Wiiskonsin, Pensilvaaniyaa fi Arizoonaa ergame keessaa tokkollee akka amanamaa ta’etti kan hin ilaalamne yoo ta’u, yeroo gabaabaaf jeequmsa kan uume yoo ta’u, sagalee kennuu irratti dhiibbaa akka hin geessisne FBIn ibseera.

Madda isaa adda baasnee jirra, Raashiyaa irraa ergame jechuun Ministirri Dhimma Alaa Joorjiyaa Biraad Raafensperger ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Raashiyaan filannoo bilisaa, haqa qabeessaa fi sirrii ta’e akka qabaannu hin barbaaddu, akkasumas yoo akka lolli gidduu keenyatti uumamu taasisan sana akka injifannootti lakaawwatu turan jedhan.

Raashiyaan filannoo Yunaayitid Isteetis ykn bakka biraatti gaggeeffamu keessatti gonkumaa”gidduu hin seenne jechuu dhaan haalteetti. Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov fi Imbaasiin Raashiyaa kan Ameerikaa jirus jecha walfakkaatu fayyadamuu dhaan himannaan FBI maqaa balleessii hamaa dha jedhanii jiran