Hiriirri Walabummaa Jedhu Magaalaa Galma Mootummaa Moozaambiik Keessatti Geggeessamuuf Waamame

  • VOA

Lammiiwwan Mozaambiki hiriira bahan, Mappuutoo, Sadaasa 5, 2024.

Ba’ii filanno mormuuf torban tokkoof geggessamaa kan ture hiriira mormii mormitootaan waamame irratti yoo xiqqaate namoonni 18 du’uuf sababaa kan ta’e hiriirri bilisummaa jalqabamuu isaa dura Roobii har’aa magaalaa guddoo Moozaambiik muddamsuu keessa jirti.

AFPn akka gabaasetti suuqilee fi Baankiiwwan Mapuutoo keessaa ka cufaman yoo ta’u, daandileen illee kan idileetiin ala calliinsaan kan oolee fi poolisii fi konkolaataan waraanaa bakka adda addaa dhaabatanii argamu.

Biyyattiin kibba Afriikaa kun erga angawoonni filannoo paartii waggoota 50 ta’uuf aangoo irra ture, filannoo Onkoloolessa 9 geggeessamen injifachuu isaa labsanii qabee biyyattiin rakkoo siyaasaa keessatti danqamtee jirti.

Filannoon sun kan wal dha’ee fi injifadheera kan jdh hoogganaan garee mormituu Vensiiyoo Mondiillaa guyyaa walabummaa keenyaa jechuun Kamisa darbe deggertoota isaaniif daandii Maputo irratti hiriira akka geggeessan waamicha dabarsaniiru.