Koomishiin Gamtaan Afriikaa Dura Taa’aa Dhaabbaticha gaggeessu Gurraandhala Fuuldudura keenyaa kana filuuf adeema. Dorgommii kanaaf kaadhimamtoonni amma kan duula na filadhaa kan jalqaban yoo ta’an, Muummeen Ministiraa Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa dhuma torbee kanaa, duula dorgommii isaanii Finfinneetti jalqabanii jiran. Raayilaan dubbii isaaniin sochiin daldala bilisaa Afriikaa keessatti akka baballatu, waloomni diinagdee akka jabaatu fi Gamtaan Afriikaa qaama hojii hojjechuu danda’u nan taasisa jechaan yoo ifoomsan, Dorgomaa isaanii keessaa takka kan ta’an Ministirri Haajaa Alaa Jabuutii Mahaamad Alii Yusuuf, Hoj – Maata dhaabbatichaa jijjiiruurratti akka Xiyyeeffatan VOA’f himanii jiran. Galmoo Daawit waan qindeesse qaba.