Abbaan Alangaa Feederaalaa Himatamtoota Naannoo Amaaraa Irratti Himata Duraan Dhiheessee Ture Fooyyesse

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Haala nageenyaa bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa jiruun walqabatee labsii yeroo atattamaa baheen nomoottan too’annoo jala olfamanii dhimmi isaanii mana murtii feederaalaa irratti ilaalamaa jiruu irratti himanna kan dhiheesaa abban alangaa feederaalaa himannawwan kanaan duraa dhiheessee turee fooyyesuu isaa beeksisee jira.

Abbaan alaangaa feederaalaa galmee Dokteer Wondiwesen Asefaa jalatti namoottan 51 irratti himannaa dhiheesse akka fooyyessu, Sadaasa bara darbee keesaa manni murtii ajaja kenuu isaa kan ibsan, abukaatoon himatamtootaa obbo Henook Akliiluu, abbaan alaangaa himaannaa isaa sireessee Sadaasaa 3 bara 2017 dhiheesuu isaa sagalee Amerikaatti himaniiru.

Himannaa Abaan alaangaa fooyyesee dhiheesse kana irratti akka mormii hin qabnee kan ibsan abokaatoon himatamtootaa , dhadhachaa mana murtii feederaalaa kutaa Lidetaa irratti guyyaa har’aa sirnaa haaluuf Amanuu raawwachuuf karoorfamee turus himatamtoota 51 keessaa namoottan Shan dhukubsatanii mana murtiitti waan hin dhihaaneef Sadaasaa 5 bara 2017 akka deebi’an beellamnii qabamuu isaa ibsaniiru.

Namoottan himannaa shororkeesumaa irratti dhihaatee 51 keesaa namoottan Afur miseensotaa dhaabilee miidiyaa akka ta’an beekameera. Namoottan garee hidhatootaa naannoo Amaaraa keessa socho’aa jirufi Faannoo jedhamee beekamuu wajjin mootummaa naannoo Amaaraa fi mootummaa feederaalaa umnaan fonqolchuudhaaf yaaduudhaan walqabatee hidhaman wagga tokkoo fi ji’a 8 oll mana hidhaa keesaa turuu isaanii Kendii Abaatee Finfinnee irraa gabaaseera.