Dorgommiin ‘Fiigichi Guddicha Itiyoophiyaa’  Jedhamu Jaarmayaa Atileetiksii Addunyaa Biraa Beekkamtii Argate

Your browser doesn’t support HTML5

Dorgommiin ‘Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa’ jedhamu bara kana fudhatama idiladdunyaa argatee Finfinneetti Dilbata yeroo digdamii afuraffaaf gaggeeffamee jira. Fiigicha daandiirraa kan kiilomeetira kudhanii baranaa irratti lakkobsi namoota hirmaatanii kuma shantamaa akka tahu qindeessitoonni dorgommichaa ibsanii jiru.

Jaarmayaan Atileetiksii Addunyaa fiigicha kanaaf barana beekamtii kenneefii, kun Atileetota dorgomaniif akkasumas atileetiksii biyyaaf murteessaa ta’uu Atileetonni dorgomanii fi Lenjistootni dubbatanii jiran. Dorgommii fiigicha daandiirraa kana kanneen injifatan dhiironnii fi shamarran badhaafamanii jiran. Galmoo Daawit dabalata qaba.