Seeneet Gizaachoo: Yeroon Dhaabatee Nama Hin Eegu, Itti Fayyadamuu Kootu  Milkiaa’inaan Na Ga’e

  • Tuujubee Horaa

Your browser doesn’t support HTML5

Manni barumsaa dhuunfaa beekamaan Finfinnee kan Kaambiriij Akkaadaamii jedhamu dhiyeenya barattoota isaa ga’umsa olaanaa qabaniif badhaasa kennuu dhaan beekamtii kan kenne yoo ta’u, isaan keessaa barreessituu walaloo Afan Oromoo shamarree waggaa 16, Seenet Gizaachoo tokko turte. Yeroo ammaa kana barattuu sadarkaa kolleejjii kan taate Senet gosoota barnootaa ishee hunda irratti qabxii A+ fi A argachuu isheetiin meedaaliyaa argatteetti. Kanaan dura kaarikulamii mana barumsaa mootummaa Itoophiyaa hordofuun gara kaarikulamii Kaambiriijii-tti kan ceet6e kutaa 10ffaatti yoo ta’u, yeroo gabaabaa mana barumsichaa keessa turte keessatti qabxii olaanaa argachuu dhaan daftee itti milkooftre.