Naannoo Oromiyaatti manni murtii godina Shawaa Lixaa namoota sadii yakka nama ukkaamsuutin maallaqa gaafatan jechuun himataman tokkoo tokkoo isaanii irratti hidhaa waggaa 11 murteessera jechuun waajjiri abbaa alangaa godinichaa ibseera. Himatamtoonni 3’n muca waggaa 7 magaalaa Hoolotaa keessatti ukkamsanii fudhachuun WBO of fakkeessuun maatii mucaatti bilbilanii birrii miiliyoona tokko gaafatan, kan jedhu waajirri Abbaa-alangaa kun hordoffii biraa taasisameen to’annoo jala oolfamuu isaanii ibse. Abbaan muca uggurame jedhame sanaa sagaalee Ameerikaaf ibsa kennaniin namni Muca isaani ukamsee Miseensa hidhaatoota WBO keessaa akka tahetti fi muchaan isaanii akka isa bira jirtu himee, maallaqa miliyoona tokko yoo kanfaalaan malee akka ajjessan akeekkachiisuu isaa dubbatan. Fira himatamtootaa keessaa tokkos, firri isaanii yakkicha akka amanee Sagalee Ameerikaatti himanii jiru. Tsahaay Daamxoo dabalata qabdi.
Namoota 3 Magaalaa Holotaatii Mucaa Tokko Ukkaamsanii Fudhachuun Maallaqa Mliyoona Tokko Gaafatan, Jedhaman’rratti Adabbiin Hidhaa Murame
Your browser doesn’t support HTML5