Talaallin ittisa kaanserii fiixee gadameessa bara kana sadaasaa 9 hanga 12tti akka biyyaatti kennamaa jiraachuu oddeeffannoon miniisteera fayyaa irra argame ni mul’isa. Biiroo fayyaa oromiyaatti qindeessaan talaallii obbo Baqqaanaa Toleeraa sagalee Ameerikaaf akka himanitti ijoolleen shamarranii umuriin isaanii waggaa 9 hanga 14 ta’an miiliyoona 3 oliif talaallin kennamaa jira jedhan. Shamarran talaallii kana fudhatanis dhibee egeree dhufu maluu dursan of irraa ittisuuf barbaachisaa dha jechuun yaada isaanii kennaniiru. Tsahay Daamxoo Gabaasaa dabalataa qabdi.
Itiyoophiyaa Keessatti Kaanserii Fiixee Gadameessaa Ittisuutti Kan Fuuleffate Talaaliin Kennamuu Jalqabe
Your browser doesn’t support HTML5