Ajjeechaa Shawaa Kaabaa Keessatti Raaw’atame Jedhameen Wal-qabatee Bakkawwan Adda Addaatti Mormiin Taasisamaa Jira

Your browser doesn’t support HTML5

Jalqaba torbee kanaa kaasee suursagaleen ajjeechaa sabaa himaalee hawaasaarratti mullate dheekkamsa kaasee jira. Suur sagaleen Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti waraabamuun himame kun, aggaammii ajjeechaa dargaggeessa tokkorra gahe kan mullisudha. Suur-sagalee dheekkamsa kaase kana VOA’n adda baafachuuf yaalus itti hin milkoofne hin milkofne, garuu, Hagayya 21 bara 2016 Suur-sagalee Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti waraabame jedhame keessaa tokko mucaan isaa waggaa 14, Darajjee Amaaree humnoota Faannoo Amaaraa jedhaniin duraa ajjeefamuun kan wal-qabate tahuu Abbaan mucaa Ajjeefamee Obbo Darajjee Afsa, Sagalee Ameerikaaf himanii jiran. Mootummaan Naannoo Oromiyaa “gocha Faannoo ti” ka jedhe kana ibsa kaleessa baaseen kan balaaleffate yoo ta’u hiriirawwan balaaleffannaa kaleessaa fi harra yuuniversitiiwwan godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessatti gaggeeffamuunis gabaafamee jira.