Mootummaan Naannoo Oromiyaa, miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo karaa nagaan galaa jiraachuu ibse. Biiroon Koomunikeeshinii Naannoo Oromiyaa, walii galtee Dilbata darbe mootummaa fi Ajajaa WBO Zoonii jiddu galeessaa duraanii Obbo, Sanyii Nagaasaa jidduutti gaggeeffame hordofee, keessumaa Godina Shawaa Lixaa fi Shawaa Kibba Lixaa tti miseensonni kunneen galuu fi gara wiirtuuwwan qophaa’eefitti galuu ibse. Jiraattonni VOA’n dubbises, hidhattoonni hedduun galaa akka jiran kan mirkaneessan yoo ta’an, ta’ee kana ilaalchisee qaamota mootummaa fi Ajajaa WBO irraa deebii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofnee.
Walii Galtee Araaraa Booda Miseensonni WBO Galaa Jiraachuu Mootummaan Ibse
Your browser doesn’t support HTML5