Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallagaa Aanaa Amuruu keessatti namoonni 7 magaalaa Agamsaa irraa gara ganda Goojjam Caabuutti imalaa turan hidhattoota Faannoon ajjeefamuu miseensota maatiin keessaa Sagalee Ameerikaaf himan. Wiixata darbe sadaasaa 23, bara 2017 ganama naannoo sa'aatii sadiitti haleellaa namoota hidhattoota Faannoon bakka addaa "Joojaa Migir" jedhamuun beekamutti, konkolaachisaa dabalatee namoonni 7 konkolaataa fi hoolonni konkolaataan fe’amanii turan boombiin gubamaniiru jedhan namoonni dubbisne kun. Dhimma ajjeechaa kanaa ilaalchisuun Aanaa Amuruu, Magaalaa Agamsaa, Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa fi Biiroo Bulchiinsa fi Nageenya Naannoo irraa odeeffannoo argachuuf yaallin taasisne hin milkoofne. Ajjeechaa kanaaf kan himataman hidhattoota Faannoo irraas deebii argachuuf yaaliin Sagaleen Ameerikaa godhe hin milkoofne garuu, kanaan dura gafatamanii haleellaa civiilota irratti xiyyeeffate akka hin geggeesine ibsanii turan.
Aanaa Amuruu Keessatti Namoonni 7 Agamsaa Irraa Gara Ganda Goojjam Caabuutti Imalaa Turan Hidhattoota Faannoon Ajjeefamuu Maatin Dubbatan
Your browser doesn’t support HTML5