Baqattoonni Siiriyaa kanneen Itiyoopyaa keessaa sababa wal waraannsaaan waggoota 13 dura biyya isaanii dhiisan baqatanii biyya ofiitti deebi’uu kan barbaadan ta’uu ibsanis, rakkooleen mul’ataa jiran garuu isaan yaaddessaa jira. Baqattoonni kun daldala xixqqoo, fi haalla tokko tokkoonis kadhachuu dhaan ofii isaanii jiraachisaa turan.
Waggaa shan dura Itiyoopiyaa seenuu isaa dura Sudaanitti baqachuu isaa kan dubbate baqataan lammii Siiriyaa Yuusuf Usmaan seenaa isaa VOAf himee jira. Yusuuf yeroo ammaa Finfinnee naannoo Boolee Mikaa’elii jedhamutti daldala daandii gubbaatti geggeessamu irratti bobba’ee jiraata.
Haala dhiyeenya Siiriyaa keessatti uumame ennaa yaadu, Waaqayyoof haa galatu Asaadd maatii isaa waliin gara Raashaatti baqateera. Humni ka biroon amma Siiriyaa to’ateera jedhe. Yuusuf gaaga'ama yeroo waraanaa sanatti arge, lubbuun namootaa baay’inaan dhumuu dubbateera wal-dhibdee kana dura maatiin isaa mana, suuqii fi qabeenya biroo kan qabaniif jireenya tasgabbaa’aa jiraataa kan turan yoo ta’u, martinuu sababa waraanaatiin kan manca’an ta’uu dubbate.
Wanti mirkanaa'aa ta’e dhabamus, Yuusuf waa'ee egeree Siiriyaa abdii guddaa qaba. Yoo waaqayyoo jedhe, ji'a tokkoo fi lama booda gara biyya keenyaatti ni deebina jedhe.
Haalli jiru ammatti guutummaatti hin tasgabboofne, garuu qalbii dhaan ni fooyya'a jedheen amana. Jireenya keenya deebifnee ijaarree mana barumsaa galuu barbaanna. As Itiyoophiyaatti, waggaa 14 dura erga as gahuu jalqabnee ijoolleen hawaasa keenya keessaa tokkollee mana barumsaa dhaquu hin dandeenye jedha Yuusuuf.
Baqataa ka biron Hikmaat Mohaammed jedhamu kan waggaa afur dura karaa Sudaan ba’ee Itiyoopiyaa seene, jireenya isaa mo’uuf, urgooftuu fi dibata bareedumaa daandii Finfinnee irratti gurgura. Waa’ee muuxannoo isaa ennaa dubbatu Hikmaat, waraana dura Siiriyaa keessaa jireenya gaarii jiraataa turre jedhe. Walitti bu’iinsi sun ennaa jalqabu, waa mara mana keenya qabeenyaa keenya dhiisnee baqanne jedhe.
Hikmaat akkuma Yuusuf Siiriyaatti deebi’ee jireenya isaa deebisee dhaabuu barbaada garuu ammaaf maallaqa hin qabu jejdhe. Mootummaan kufuu isaatti gammadeera garuu kan akka haleelaa Israa’el dhiyeenyaa dabalatee jiddu seeniinsi alaa na yaaddessa jedhe. Seenaan baqattoota kanaa Siiriyaa keessatti abdii boqonnaan haaraa uumamuu fi tasgabbiin dhabamuu yeroo dheeraa ilaalchisee yaaddoo qaban mul’isa.