Lammileen Itiyoophiyaa magaalaa Adaamaa jiraatan, sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennaniin waliigaltee mata duree "Labsii Ankaraa" jedhuun hooggantoonni Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa abbaa biyyummaa, tokkummaa, walabummaa, fi wabummaa daangaa walii kabajuuf tolfatan ija gaariin akka ilaalan dubbatan. Walii galteen kun nageenya naannoof barbaachisaaf ta’uu eeranii, walii galtechi aarsaa loltoonni Itiyoophiyaa birmadummaa Somaaliyaaf taasisaniif fudhatama kennuun waan gaarii jedhan.
Gama biraatiin, Somaaliyaa irraa, jiraattonni magaalaa Moqdishoo Waa’ee Waliigaltee Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa Ankaaraa keessatti tolfamee yaada isaanii Sagalee Ameerikaaf yaada kennaan kanatti aansinee dhiheessina.
“Maqaan kiyya Hasan Abdullahii Abdirrahimaan jedhama, Somaaliyaa Mooqadiishoo irraayyu, Walii galtee kun diqqoo naaf kan liqimfamuu miti, waa’ee fedha Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf jettu waanti inni jijjiira jedhee yaadu hin jiru. jechi isaan walii galtee kana gubbaatti fayyadamanis jechoota of qusannoon guutaman ta’uutu mullata. Mootummaan Somaaliyaa Somaalilaandi alatti dhiisee waan mallatoo kana mallatteesse fakkaatas waanti jijjiirame hin jiru. Prezdentiin Somaaliyaa duraan haga walii galtee kana diigdutti Itiyoophiyaa waliin mareef hin taa’ullee jedhee ture.”
“Omar Muhyahiddin jedhama maqaan kiyya, Mooqadiishuurraa Walii galteen kun qabxiiwwan ifoomuu malu jedhu hedduu of keessaa qaba. Fakkeenyaf Somaaliyaan aarsaa loltoonni Itiyoophiyaa Somaaliyaaf oolaniif fudhatama ni laatti jedha, ammoo Somaaliyaan loltoonni Itiyoophiyaa daanga ishee keessaa dhuma ji’a kanaatti akka bahan akeekkachiiftee jirti, kanaaf loltoonni Itiyoophiyaa Somaaliyaa keessa ni turu moo ni bahu kan jedhu ifaa miti. Darbees Itiyoophiyaan walii galtee Somaaliilandi guula taasifte ni diigdii waanti jedhus hin eeramne, maaliifuu mootummaan Somaaliyaa gama kanaan Afaan Diiploomasiin waanti ibsuu male jiran se’a.”
“Maqaan kiyya Hawaariidha Mooqadiishuurraa. Walii galteen Ankaaraatti kaleessa taasifame tarkaanfii misha jedhee fudha. Kaleessa ni fudhannaa yaada jedhu dhageessisaa turan, gama fayyadama handaara buufata galaanaa ilaalchisee walii galtee uumanii xumuruun waan sirriidha. Seera addunyaawaadha, mootummaan somaaliyaa walii galtee kanaan handaara kana yoo itti kireessee gibira irraa walitti qabate, gaarii natti fakkaata.”