Filatamaan Prezidaantummaa Doonaald Tiraamp Keerii Leek Akka Sagalee Ameerikaa Hooggantuuf Filatan

Nama siyaasaa fi gaazexeessituu Ariizoonaa duraanii Keerii Leek uula fiannoo irratti , Ariizoonaa Fulbaana 12, 2024.

Pireezidaantiin yuunaayitid Isteetisi filatame Doonaaldi Tiraamp nama siyaasaa fi gaazexeessituu Ariizoonaa duraanii Keerii Leek hooggantuu Sagalee Ameerikaaf akka Kaadhime ibseera.

Tiraamp fuula miidiyaa hawwasaa isaa ‘Tiruuz’ jedhamu irratti akka maxxansetti Keerii Leeki Daarekteera Sagalee Ameerikaa ta’uun akka tajaajiltuuf kaadhimuu koo gammachuun ibsa jedhee kana dura oduu dhiyyeessituu Fookis Niwuus kan dhaabbata Feeniiksi Neetwoork Ariizoonaattii argamu kan turte yeroo dhiyootti nama hooggansa dhaabbata miidiyaa Idil addunyaa Yuunaayitid Isteeiisiif kaadhimamu waliin duudhaa Ameerikaa walabummaa dabalate addunyaatti tamsa’u haqaa fi sirrii mirkaneessuuf hojjetus jedheera.

Hanga bara 2021tti hojii gaazaxeessummaa hojjechaa kan turte, Leek ogummaa waggoota 27 ‘f hojjechaa turte keessaa ba’uun bulchituu Ariizoonaa ta’uuf dorgomteetti. Filannoo bara 2024 irratti seneetiif dorgomtee, garuu osoo hin injifatiin hafte.

Hoogganaan sagalee Ameeriikaa amma aangoo irra jiru Maayik Abraamoowiiz ergaa Imeelii Kamisa har’aa gara ganamaa hojjettootaaf erganiin Leek hooggantuu sagalee Ameerikaa ta’uun kaadhimamuu Roobii galgalarraa kaasee argeera, jechuun garuu kan miidiyaa hawwaasaa irratti maxxanfameen alatti odeeffannoo dabalataa hin qabne himan. Wal harkaa fudhiinsa aangoo Kan sagalee Ameerikaas ta’e kan dhaabbata miidiyaa Yuunaayitid Isteetis karaa gaariin akka ta’u nan simadha. Adeemsa isaa hordofuun daarikteera Sagalee Ameerikaa haaraa muudamanis nan tumsa jedheera.

Hoogganaan Dhaabbata Miidiyaa Idil Addunyaa Yuunaayitid Isteetis aangoo hoogganaa Neetwoorkii qacaruu yokaan arii’uu qaba ture. Garuu seera isa paartii lamaanii kan ji’a Muddee bara 2020 darbeen, hooggantoonni Neetwoorkii filannoo harka caalaa gorsitoota boordiidhaanidha.Boordiin kunis barri tajaajila isaanii waggaan ka dangaa’u miseensota ja’a kan qabu kan pireezidaantiin ministara haajaa alaa dabalachuun muudamani. Ga’een bordichaas , hoogganaa olaanaa gorsuu, walabummaa gulaallii fi dhaabbileen jalatti argaman walabummaa gulaallii , walabummaa dhaabbilee fi kanneen deeggarsa kennan hojii sadarkaa gaazexeesummaa guddisan hojjetamaa jiraachuu hordofuu dha,

Keerii Leeki’s fuula miidiyaa hawwaasaa “x” irratti barreeffama maxxansiteen Sagalee Ameerikaa hoogganuuf na gaafachuu isaaf kabajan qaba jettee sagaleen Ameerikaa Miidiyaa Idil addunyaa murteessaa ta’e fedhii Ameerikaa dursuun kan uummata addunyaa guutuu waliin kallattiin wal quunnamsiisu, diimokiraasii akkasumas dhugaa babbal’isuuf of kennedha jetteetti.

Sagaleen Ameerikaa torbaaniitti hordoftoota miiliyoona 354 kan qabu Afaanota 49’n tamsaasa.Hoogganaan Sagalee Ameerikaa ammaa Abramoowiitiz Pireezidaantii Firiidam Haawusii kan turee fi waggoota 24’f gabaasaa fi gulaalaa waashingitan posti tureera.