Gareeleen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Eega Torban Dabre Muummicha Ministaraa Abiyyi Wajjiin Mari'atanii Boodallee Wal-Himataa Jiran 

  • VOA

Magaala Maqalee, Naannoo Tigraay, Amajjii 5, 2020.

Torban darbee keessa muummichii ministiraa Mootummaa Ityoophiyaa Abiy Ahimad hoggantootaa mootummaa yeroo kan naanoo Tigraay, akkasumas hogantoota qaamoolee nageenyaa naanichaa wajjin marii taasisan ilaalchisuudhaan ibsaa kan kennan gareewwan ABUT wal irrati himannaa dhiheesa jiru.

Gareen dokteer Debretsiyoon Gebremikaa’elin hogganamuu ibssa guyya dheengada baaseen , hoggantoonni ABUT mootummaa naannoo keessa jiran hojii gantummaa raawwtaniiru jechuudhaan himatee jira.

Marii muummichaa ministiraa waliin taasifame irratti, gareen prezidaantii bulchiinsa yeroo obbo Geetaachewu Raddaatiin hogganamu, loltoonni Tigraay duraanii akka hidhannoo hiikatanii hawaasatti makamanuu fi gariin isaani immoo akka umnaa ittisaa mootummaatti makaman mootummaa federaalaa gaafachuun isaa gochaa “gantummaa biyyaalesaati” jedheera ibsii garee Dr. Debiretsiyoon irra bahe.

Ibsichii itti dabaluudhaanis Koreen gidu galeesaa ABUT rakkoo umameera jedheef yeroo gabaaba keessatti furmaata kenuudhaaf karoorfatee akka gara qabsootti seenee jiru eeree jira.

Gareen ABUT inni Obbo Geetaacheewu Raddaatiin hogganamuu gama isaatiin, gareen Dr. Debretsiyooniin hogganamu mootummaan federaalaa akka aangoo kenuuf kadhachaa jiraa jechuudhaan qeeqee jira.

Gareen Dr. Debretsiyoon “garee Hokooraati” kan jedhee ibsii garee Obbo Geetaacheewu, gareen kun ummata Tgiraay fi mootummaa feederaalaa walti buusuudhaaf kan hojacha jiruudhaa jedhee, garee umnaa nageenyaa naannoo Tgiraay “kan kootti” jechuudhaan tokuumaa ummata Tgiraay diiguudhaaf kan hojaachaa jiruudhaa jedhee himatee jira.

Kantiibaa magaalaa Maqalee muuduu irratti waldhabdee gareewwan lamman gidduutti umamameen kan ka’ee, waajjirii bulchiinsa magaala Maqalee guyyoottan kurnan darbaniif waan cufamee jiruuf jiraattonni magaalichaa tajaajilaa argachuu akka hin dandenye ibsuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.