Filatamaan Prezidaantummaa Doonaald Tiraamp Prezidaantiin Chaayinaa Hanga Sirna Muudama Isaanii Irratti Argaman Afeeruun Isaanii Gabaasame

  • VOA

Pirezdaantii Yunaaytid Isteets Filataman Doonald Traamp fi Prezidaantiin Chaayinaa Shin Jinpiingi walgahii G-20 maddiitti marii geggeessanii turan, Osaakaa, Jaappan, Waxabajjii 29, 2019.

Itti gafatamtuu dhimma preesii mootummaa Doonald Traamp ta’uudhaaf kan kaadhimaman Kaaroliine Liivitii Kamisa kaleessaa ibsa kennaniin, Doonald Traamp Prezidaantiin Chaayinaa Shin Jinpiingin dabalatee hogantootaa biyootan biroo sirnaa aangoo fudhannaa isaanii irrati akka afferaan beeksisaniiru.

Affeeraan kun kan taasifamee imaammani Doonaald Traamp “Amrerikaan Haadursitu” jedhu ergaa aangoo qabatanii boodaa “akkamiti hojii irraa oola?” gaaffin jedhuu adduunyaa irraa dhihaachaa yemmuu jiruti akka ta’e gabaasameera.

Doonaald Traamp yemmuu duulaa na filadhaa taasisaa turan, sababa godaantotaa seeraan alaa Yunaayitid Isteets seenaa jiranuu fi sababa dawaa lubuu namaatiif balaa qaban omishuu fi gurguruun wal qabatee, Chaayinaa fi biyoottan olla Yunaayitid Isteets Kaanadaa fi Meeksikoo irratti dilaala ykn Qaraxa guddaa kaa’uudhaaf dhaadachaa turan.

Traamp erga dorgoommii moo’atanii booda ibsaa kenaniin, Prezidaantii Chaayinaa fi hoggantootaa biroo wajjin dubbachuu jalqabuu isaanii ibsaniiruu. Isaan keessaa tokko muummicha ministraa kaandaa Jastiin Turuudoo dhiheenyaa kan gara Yunaayitid Isteets dhufuudhaan Doonaald Traamp wajjin dubbachuun isaanii gabbasameera.

Prezidaantiin Chaayinaa Shiin Jiipiing, affeeraa Traamp fudhachuu isaanii irratti wantii gabaasamee kan hin jirre yemmuu ta’u, akka xiinxaltoonni jedhanitti Pezidaantiin Chaayinaa amma ammaatti Affeeraa kan waan fudhatan hin fakkaatu. Akka galmeen ministeeraa dhimmaa alaa Yunaayitid Isteets agarsiisutti Kanaan dura sirna angoo wal harkaa fuuchuu mootummaa biyyatti irraati hogantoonni biyyaa alaa Affeeramanii akka hin beekne gabaasameera