Ministirri dhimma alaa mootummaa Yunaayitid Isteets Antoonii Bilinkeenii fi gitii isaanii minisirri dhimaa alaa mootummaa Turkii Haakan Fiidaan jimaataa har’aa Ankaaraa keessatti yemmuu wal arganii dubatan, mootuumaan ce’umsaa biyya Siriyaa keessatti akkaataa hundaa’uu qabu irratti maryachuun isaanii gabaasameera.
Haanga’onii lamman marii isaanii boodde ibsa oduu gabbastotaaf kenaniin, mootummaan ce’uumsaa Siriyaa keessatti hundeefamuu qabu, kan hundaa hirmaachisaa ta’e, kan gosaa fi amantaa addaa hin leelisnee, kan mirgaa ijoollewanii fi dubartootaa kabajuu akka ta’uu qabu waligaluu isaanii beeksisaniiru.
Soriyaan biyyoottan Olaa isheetiif soda ta’uu akka hin qabnee kan ibsan Antoonii Biliinken, mootummaan ce’umsaa biyyatti keessatti hundaa’uu meeshaa waraanaa keemikaalaa isaa baraa mootummaa Bashaar al Asaad ture baleesuu akka qabu hubachisaniiru.
Gareen finciltootaa “Islaamik Isteets” jedhemee beekamuu mootuumaa Siriyaa dhufu keessatti akka qoodaa hin fudhanne taasisuu irratti biyyootan lamman akka wali galanis gabasameera.
Antoonii Biliinken Kamisaa kaleessaa Mootii biyyaa Jordaan Abdulaah bin Al Huseen fi itti anaa muumicha ministiraa biyyatii Aymaan Safadii wajjin wal arganii kan dubbatan yemmuu ta’u , Prezidaantii Turkii Resiip Erdugaan wajjin walarguudhaan dhimma Siryaa fi dantaa biyyoottan lammanii irratti maryachuu isaanii dubbi himaan ministeera dhimma alaa Yunaayitid Isteets Maatiwu Miiler ibsaniiru.