Manni murtii heeraa Kooriyaa kibbaa Wiixata kanarraa kaasuun pireezidaantii biyyattii Yoon Suuk Yeool kan seera waraanaa kaa’uuf jalqaba ji’aa kanarra yaalee hin milkoofneef aangoo irraa kaasuuf qorachuu jalqaba.
Paarlaam dhaaba mormituun hoogganamu Sanbata dabarsine aangoo pireezidaatummaa Yoon dhorkuun aangoo irraa akka ka’u taasisuu ibseera. Manni murtii immoo aangoo irraa akka inni ka’uu fi dhiisu murteessuuf yeroo ji’oota Ja’aa itti fudhatas jedhameera. Yuun aangoo isaarraa kan ka’u yoo ta’e filannoo biyyaaleessaa guyyoota 60 keessatti namni bakka isa bu’u akka filatamu taasiisa. Pireezidaantichii fi qondaalonni hangi tokko gaafa Muddee 3 darbe jeequmsa seera waraanaa irratti raawwataniif adabbiitu isaan eeggachuu malas jedhameera.