Bidiruun akka malee namaan guutame tokko laga Koongoo waaltaa tokko irratti garagaltee daa’imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni 25 du’uu fi kurnootaan kan lakkaa’aman achi buuteen isaanii dhabamuu Qondaaltonni naannoo fi jiraattonni ibsanii jiru. Dooniin kun Kibxata darbe imaltoota 100 olii fi mi’a hedduu akka feetee kan amanamu yoo ta’u magaalaa Inoongoo keessaa erga kaatee booda imala laga Fiimii irratti taasiifteen yeroo muraasa booda garagalte. Lakkoofsi namoota du'anii kana caalaa ta'uu akka danda'u yaaddoon jiru dabalaa dhufeera.
Balaan Kibxata darbe mudate kun bara kana naannoo lageen marfamee fi namoonni hedduun geejjibaa bishaanirraa fayyadaman kan bulchiinsa Maï-Ndombe keessatti isa afurffaa tahuu isaa ti. Qondaaltonni Koongoo yeroo baayyee akka garmalee nama hin feenee akeekkachiisuudhaan namoota nageenya geejjibaa bishaan irraa cabsan adabuuf dhaadataniiru. Haa ta'u malee naannoo fagoo imaltoonni baay'een irraa dhufan keessatti baay'een isaanii daandii muraasnii waan jiruuf jecha geejjibaa uummataa argachuu hin danda'an.
Ji'a Onkolooleessaa keessa bidiruun fe'umsa guddaa feetee tokko baha biyyattiitti liqimfamuun yoo xiqqaate namoonni 78 bishaaniin kan nyaataman yoo ta'u baatii Waxabajjii keessa immoo balaa walfakkaataa naannoo Kinshaasaatti mudateen lubbuun namoota 80 dhabaniiru.