Naannoo Oromiyaa, godinaa Shawaa kaabaa aanaa warra Jaarsoo keessatti dilbata darbe jechuun muddee 6 bara 2017 waraana humnoota mootummaa fi WBO gidduutti itti fufee jiruun wal-qabatee lammiilee nagaa irra miidhaan gahaa Jira jechuun miseensoni Maatii miidhaan irra gahee fi jiraattonni bilbilaan sagalee Ameerikaaf himaniiru.
Miseensa maatii miidhamanii keessaa tokko akka tahan himuun kan sagalee Ameerikaatti dubbatan bakka sanaa tokko, “meeshaa waraanaa fageenya irraa dhuka’een daa'imman dabalatee namoota sagal gaaaddisa jala turan keessaa lama baaruda itti faca’een battalatti lubbuun darbee,namoonni torba ammoo madaa’an,” jedhan.
Namoonni naannoo mana jireenyaatti miidhaan irra gahe, jedhan kunneen daa’immanii hanga namoota gurgudaatti dubartoota akka tahanis himan, namni kun. Dhimma kana ilaalchisuun bulchiinsa aanaa warra jaarsoo,godina Shawaa Kaabaa,Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa akkasumas biiroo Kominikeeshinii oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne. Tsahaay Daamxoo gabaasaa dabalataa qabdi.