Lammiileen Sudaan Kibbaa daangaa Itiyoophiyaatti cee’uun Horii gaanfaa saaman 44 to’annaa jala oolfamaniiru jechuun Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa beeksiise. Namoonni qabaman kunneenis oriiwwan gaanfaa 200 ol saamanii turan deebisiisuu kan ibse Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Jimaata darbe gaafa Muddee 3 bara 2017 Naannoo bulchiinsa Kibba lixaa Itiyoophiyaa Aanaa Surmaa keesatti to’atamanii kan turan guyyaa kaleessaammoo gara bulchiinsa Kibba lixa Itiyoophiyaatti dabarfamaniirus jedheera.
Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaatti hoogganaa miidiyaa fi Komuunikeeshinii kan ta’an Obbo Jeeylaan Abdii sagalee Ameerikaatti akka himanitti namoonni lammiilee Sudaan Kibaa ta’an kunneen aanaa Surmaa kan Kibba lixa Itiyoophiyaatti argamu irraan gara daangaa Itiyoophiyaatti seenuu himuun , Humni waraanaa Itiyoophiyaa, Poolisiin Federaalaa fi poolisiin naannichaa waliin ta’uun to’annaa jala oolchuu himanii yeroo to’annaa jala oolfamanitti buufata ykn Kaampii poolisii Fedraalaa keessa akka tursiifamanii fi amma mana sirreessaa Boongaatti dabarfamanii kennamuus eeraniiru. Adeemsi seeraa isaa akkamitti ilaalamuuf deema jedhamuun kan gaafataman Obbo Jeeyilaan Koreen Komishinii poolisii fi ministira haajaa irraa dhimma kanaaf hundaa’e jiraachuu himaniiru. Naannoolee Sudaan Kibbaa waliin al daangessan Kibba lixa Itiyoophiyaa fi Gaambeellaa keessatti yakkoonni akkasii akka raawwatamanis himaniiru.
Hoogganaan biiroo nageenyaa bulchiinsa naannoo kibba lixa Itiyoophiyaa Obbo Andinnet Asheenaafii namoota shakkamtoota kana waliin meeshaaleen waraanaa 21 garaa garaa to’annaa jala oolfamaniiru jedhaniiru jechuun Hawwaasaa irraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase.