“Heer Iisee” Kan Jedhamu Aadaan Sirna Haqaa Hawaasa Iisaa Somaalee Somaalee Akka Ambaa Aadaatti YUUNEESKOO’tti Galmeessame

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa, Jibuutii fi somaaliyaa keessa kanneen jiraatan hawaasnii Iisaa Somaalee keessatti akka sirna haqaatti kan tajjaajilu, sirni aadaa “Heer Isee” Jedhamu Jaarmayaa Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa ka Tokkummaa Mootummootaatiin akka hambaa aadaatti galmeeffamee jira. Hambaaleen aadaa Itiyoophiyaa kaan dhokatanii jiran akka beekamtii argatanillee kan kakaasu tahuunillee sirna simannaa magaalaa Dirre-Dhawaa keessatti geggeessame irratti ibsamee jira.