Pireezidaantiin Faransaay Imanu’eel Maakroon biyyi isaanii Itiyoophiyaan hulaa galaana qabaachuuf carraaqqii marii fi seera addunyaa fi biyyoota ollaa kabajuudhaan gootu akka deeggartu ibsan. Maakroon kana an jedhan Sambata Xinnaa darbe daawwannaa gaafa tokkoo Finfinneetti godhanii bakka Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad wajjiin marii geggeessanitti. Ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin labsii Ankaaraa Itoophiyaa fi Somaaliyaa Mudde 11 irra gahe illee simataniiru.
Labsii jaarummaa Pireezidaantii Turkii Rejep Tayyib Erdoganiin keessatti hoggantoonni Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa abbaa biyyummaa, tokkummaa, walabummaa fi kabaja daangaa walii, akkasumas qajeelfama seera idil-addunyaa keessatti tumaman, Chaartarii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Seera Heera Mootummaa Gamtaa Afrikaa akka eegan ibsuun in yaadatama.
Pireezidaanti Maakroon ibsa kaleessa kennaniin Itiyoophiyaan hulaa galaana qabachuuf carraaqqii seera qabeessa taasistu qarqaaruuf qophii ta’uu ibsaniiru. Faransaay karaalee kun mariin itti gaafatamummaa qabuun galma ga’uu danda’u, karaa seera idil-addunyaa beekamtii kennuu fi biyyoota ollaa kabajuun gahee ishii bahuuf fedhii qabdi jedhan.
Mummichi ministiraa Abiyyi karaa saniitiin, hooggantoonni lamaan biyyi isaanii akkaataa itti hulaa Galaana Diimaa - karaa nagahaa argachuu dandeechu irratti gadi fageenyaan mari’achuu ibsani, Pireezidaantiin Faransaay biyyi isaanii Itiyoophiyaan carraaqii karaa kanaan gootu laalchisee gaaffii deeggarsa dhiheessite fudhachuu isaanii ibsaniiru.