Naayijeeriyaatti Gargaarsa Nayaataa Ayyaanaf Kennamu Fudhachuuf Namoonni Bahani Wal Dhiibuudhaan Balaa Uummameen Namoonni 67 Du'an

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Naayijeeriyaatti Ayyaana Kiriismasiif gargaarsa nayaataa kennamaa ture irratti namoonni wal dhiibuu irraan kan ka’e balaa uumameen lakkoofsi namoota du’anii 67 irra ga’eera jedhe Poolisiin.

Sanbata dabarsine kana dhaabbileen tola ooltootaa Ayyana Kiriismasii dhufaa jiru sababeeffachuun Naayijeeriyaatti gargaarsa waantoota nyaataaf oolaan yommuu hiraa jiraniiti namoonni baay’achuun wal dhiibuu irraan kan ka’e Namoonni 13 akka du’anii ture kan gaabase Poolisiin har’ammoo lakkoofsi namoota du’anii 67 irra ga’eera jedhe. Kunis Namoota 22 naannoo Kibba baha biyyattiitti argamu Anambira magaalaa Okijaa keessatti sababuma wal fakkaataan du’an dabalateetis jedhameera. Namoonni Kudhan ta’animmoo magaalaa gudditti biyyattii Abujaa keessattidha. Namoonni 22 du’uu kan mirkaneesse dubbi himaan poolisii naannichaa Tochukwuu Ikeengaa kanneen tola ooltoota ta’an gargaarsa nyaataa wayita kennaa jiranittidha jedheera. Kan magaalaa guddittii Abujaa keessaammoo gargaarsa Charchiin amantaa tokko qindeesseenidhas jedhameera. Abujaatti namni ijaan arguu Assooshiyeetid Pireesitti hime tokko akka jedhetti balbala Charchii tokkorra namoonni gargaarsa nyaataa fudhachuuf hiriiran hedduun akka turanii fi halkan keessaa sa’aatii kudhanitti gara charchii sanatti humnaan ol seenan osoo gargaarsi kennamuu hin jalqabiin jedheera. Namoonni umiriin dulloomaaniran dabalatee halkan guutuu hiriiranii gargaarsa nyaataa kana eeggachaa kan turan yommuu ta’e warra du’an keessattis daa’imman argamus jedhameera.

Balaa sadaffaan haaluma wal fakkaatuun Rooobii dabarsine Kibba Lixa biyyattii Naannoo Oyoo keessatti mudateen Oyoo keessatti kan raawwatame yommuu ta’u daa’imman 35 du’aniiru. Kanarrattis poolsiin qorannaa jalqabuu isaa beeksiiseera.

Biyya ardii Afirikaa irraa baay’ina uummataan beekamtu Naayijeeriyaa keessatti qaala’insi jireenyaa jiraachuu hordofee ayyaana Kiriismasiif qindeessummaa dhaabbilee tola ooltootaa, dhaabbilee amantaa fi namoota dhuunfaan gargaarsi nyaataa kennamaafii jira.