Paartii fi kaadhimamaa pirezidaantii ganna 47, Daani'eel Chaapoo adeemsa filannoo shirri bal’an irratti rawwatame mormii hokkaraan guutamee kan gara ji’a lamaa guutuuf turee kaasuu isaan kan diigamee ture .
Guyyoota 55 ol eegaa erga turanii booda dura teessuun Mana Maree Heera Mootummaa Luusiyaa Ribeiro, Wiixata kaleessaa filannoo kana irratti hojiin seeraan alaa akka raawwatame amananii garuu kun ba’ii filannoo irratti akka dhiibbaa guddaa hin qabnee fi, Daani’eel Chaapoon Paartii Frelimo kan biyya bulchu irraa sagalee dhibbeenyaa 65.17 argachuun kan injifate yoo ta’u, namni siyaasaa mormituu Venâncio Mondlane ammoo dhibbeentaa 24.29% argateera jedhan.
Manni Maree Heera Mootummaa Frelimo paarlaamaa fi bulchitoota naannoolee10 hundaaf sagalee caalmaa kenneera .Ba’iin qorannoo kanaa jalqaba Komishiniin Filannoo Biyyoolessaatiin