Odeeffannoo haaraa, gabaasa kana irratti: Dubbi himaan Madda Oduu BBC “gabaasni kun kan duraa ulaagaa gulaalaa BBC waan in guunneef haaromfameera, kanaafis dhiifama gaafanna,” jedhe.
Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemaanee Mesqel gabaasa biyyi isaanii hariiroo Somaaliyaa wajjinii addan kutuuf jedhu odeeffannoo sobaati jedhan. Maddi Oduu BBC Kutaa Afaan Somaalee, Qondaalli Eertiraa “Ministeera Dhimma Alaa Eertiraatti, Gorsaa Dhimma Afrikaa fi Somaaliyaa," Abdulkadir Idris jedhamu waliigaltee Ankaaraa Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa edduutti taasifame irratti yaaddoo qabu ibse jedhee gabaase ture.
BBC’n Idriis “Itoophiyaan hulaa galaanaa odoo in ta'in buufata humna galaanaa barbaaddi.” jedhan jechuudhan gaabsaase. Somaaliyaan Ityoophiyaaf buufata humna galaanaa hoo kennite (Ertiraan) hariiroo Somaaliyaa wajjiin qabdu irra deebitee laalti jedhan Idriis akka BBC'n gabaasetti.
Garuu akka Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemaanee Mesqel jedhanitti kun “odeeffannoo sobaa” ti.
“Jalqaba irratti, Ministeera Dhimma Alaa Eertiraa keessatti qondaalli maqaa sanii - Abdulkadir Idris - hin jiru... Waajjirri inni Hogganaa - Gorsaa Somaaliyaa fi Afrikaa Ministeera Dhimma Alaa Eertiraa keessatti itti fudhatullee caasaa Ministeera Dhimma Alaa keessatti hin jiru, ” an jedhan Yemaaneen, “Eertiraan hariiroo dippilomaasii addaan kutuun Somaaliyaa doorsiftee hin beektu,” jedhaniiru.
BBC'n yaada kennuudhaaf battalumatti hin argamne.