Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Mohaammad dawwannaa guyyoota lamaaf Eritiraatti taasiisaa ture xumuruun gara Somaaliyaatti deebi’eera. Daawwannaa isaa guyyoota lamaa kanaa keessatti gita isaa pireezidaantii Eritiraa Isaayyaas Afewarqii waliin nageenya Somaaliyaa mirkaneessuu fi dursa kennuun nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf dhimma murteessaa ta’uu hooggantoonni lamaanuu marii isaaniin booda ibsaniiru.
Akka ibsa ministira Odeeffannoo Eritiraatti hooggantoonni lamaan kaayyoo barbaadame galmaan ga’uuf kan gargaaran irratti marii’ataniiru. Ibsa dubbifame keessatti Pireezidaantiin Eritiraa Isaayaas Afeworqii naannicha keessatti walitti bu’insaafi jeeqqumsa kan uumu gidduu sentummaa irraa of baasuun dirqama akka ta’e ibseera.
Pireezidaantiin Somaaliyaa Mohaammud gama isaan gumaacha Eritiraan humna waraanaa Somaaliyaa jabeesuuf taasifte dinqisiifateera.
Daawwannaan Mohaammud Eritiraatti alan taasiise kan dhufe erga Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan walii galtee Ankaraa taasisanii torbaan lamaan bood ayommuu ta’u akka walii galtee Ankaraatti biyyoonni lamaanuu Abbaa biyyummaa, walabummaa daangaa fi tokkummaa walii akka kabajan, akkasumas Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuu akka dandeessuuf akka waliin dubbatanidha.