Hoogganaan Paartii Mormituu Moozaambik Jeequmsa Filannoon Booda Jabaateef Humnoota Nageenyaa Komate

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Moozaambikitti hoogganaan paartii mormituu Venaansiyoo Maandilenee humnoonni nageenyaa saamichii fi jeequmsi akka hammaatu taasiisuun isaanii filannoon booda paartiin biyya bulchu labsii yeroo muddamaa akka labsuuuf eeyyemuufi jechuun himate.

Biyyi Afiriikaa gama Kibbaatti argamtu Moozaambiik bara 1975tti erga Kolonii Poorchuugaal jalaa bilisa ba’uu labsatteen booda paartiin biyya bulchu Firilimoon aangoo irra kan jiru yommuu ta’u filannoo Pireezidaantummaa bara kana Onkolooleessa 9 gaggeeffameenis kaadhimamaan paartichaa Daani’eel Chaapoo sagalee dhibbeentaa 65.17 argachuun kan labsame durumaanuu mormii kaasee kan jiruu fi Wiixata darbe kanas manni murtii olaanaa biyyattii bu’aa filannichaa paartiin biyya bulchu moo’uu isaa mirkaneessuu hordofee jeequmsoonni ka’aniiraan lubbuu namootaa kan galaafatanii fi Roobii kaleessaa kanneen mormiif ba’an magaalaa guddittii biyyattii Mapputoo keessatti mana hidhaa bakka eegumsi isaa cimaa ta’e cabsuunis hidhamtoonni 1500 ol akka gadhiifaman taasiiseera.

Paartii mormituu irraa morkataa cimaa kan ta’e Venaansiyoo Mandilenee Filannoon kun waliin dhahameera jechuun himannaa kan dhiyyeesse waamicha mormii taasiisaa ture. Kaayyoon mormii keenyaas Mana maree heera mootummaa, Komishinii filannoo , akkasumas paartii Firiilimoo kan filannoo kana waliin dhahuun itti gaafatamaa ta’e irratti qiyyaafata jechuun Kamisa kaleessaa ibsa kan kenne yommuu ta’u Poolisiin saamicha raawwatamaa ture irratti tarkaanfii hin fudhanne, hinumaayyuu uummanni halleellaa fi saamicha akka raawwatu jajjabeessaniiru , kunimmoo ifaadha gochaalee kanneeniin bood labsii yeroo muddamaa labsuufidha jechuun humna nageenyaa biyyattii himateera.

Ministira Haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisitti dubbii himaa kan ta’e Maatiiw Miiler ibsa kenneen bu’aa filannichaa irratti ifootominni hin turre jedhee paartiileen hundi jeequmsarraa of qusachuun hatattamaan gara walitti dhufeenya hiikkaa qabuutti deebi’uun nagaa fi tokkummaa bakkatti deebisuu qabu jechuun waamicha dhiyyeesseera.

Akka gabaasa dhaabbilee miti-mootummaatti Jeequmsa bu’aa filannoo hordofee Moozaambik keessatti ka’eeruun yoo xiqqaate namoonni 150 ajjeefamaniiru.