Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Tewoodiroos Adinahoom biyya Yemen osoon jiruu haleellaa Xiyyaaraan buufata xiyaaraa idil Addunyaa Sana’aa irratti raawwatame jalaa ooleera jechuun fuula miidiyaa hawwaasaa isaaniirratti maxxansan. Hojjettoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii kanneen Yemen keessatti hidhamanii jiran gadhiisisuuf dubbachuu fi haala gargaarsa namoomaa kan fayyaa Yemen keessaa ilaaluuf garasitti imaluu kan Ibsan Dr. Teewodiroos hojjettoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi namoonni ani waliin hojjedhu hundi keenya haleellaa kanarraa hafneerra jechuun ibseera.
Haleellaa humna qilleensaarran buufata xiyyaaraa idil addunyaa sana’aa , bakka dhaabbilee waraanaa fi maddoota humnoota aannisaa garee Hutii warra Iraaniin deeggaramaniirratti qiyyaafachuun kan raawwatte Israa’eel yommuu taatu, ministirri muummee Isree’eel Beenjaamiin Netaanyaahuu hanga hojiin keenya galma ga’utti haleellaan itti fufa jechuun akeekkachiiseera.
Haleellich ikan raawwatame erga gareen Hutii Misaa’eelii fi Dirooniiwwan lama gara Israa’eeliitti dhukaaseen guyyaa tokkoon boodhadha. Dubbii himaan garee Hutii Mohaammad Abdulsalaam dubbii dubbateen warri Tsiyoon / Israa’el / uummata Yemenii hunda irratti yakka raawwachaa jiru jedhe.
Humni waraanaa Israa’eelis gama isaan Jeettiiwwan waraanaa isaanii buufataalee waraanaa garee Hutii irratti qiyyaafachuun haleellaa raawwachuu beeksiiseera.
Waraanni Gaazaa keessaa Israa’eelii fi Hamaas gidduuti erga ka’een booda gareeen Hutii deeggarsa Paaleestiin qaban agarsiisuuf gara Israa’eeliitti dhukaasota Misaa’eelii fi dirooniiwwaniin yeroo garaa garaatti ni taasiisu.