Angawoonni Naayijeeriyaa kutaa Sokotoo Kaaba Dhiha keessatti haleellaa xiyyaaraa guyyaa ayyaana Qillee waraanni raawwateen yoo xiqqaate namoota 10 galaafate sana rratti Kamisa kaleessaa qorannoo jalqaban.
Bulchaan Sokotoo Ahmad Aliyyuu ibsa baasaniin haalawwan haleellaa xiyyaaraa Roobii ganama raawwatameef sababa ta’an irratti qorannoon gadi fageenyaan mirkaneessuuf waraana Naayijeeriyaa waliin mari’achaa akka jiran dubbataniiru.
Waraanni gama isaan ibsa Roobii darbe baaseen garee haleellaan kun shororkeessoota Lakurawaa kan gandoota Gidaan fi Rumtuwaa keessaa irratti kan xiyyeeffatee akka ture ibse. Aliyuun garuu haleellaan kun “lubbuu lammiilee qulqulluu galaafate” jedhan. Angawoonni kutaa biyyattii akka jedhanitti namoonni 10 du’uu fi hedduun madaa’uu isaanii ibsaniiru.
Aliyuun maatii miidhamtootaaf jajjabina kan hawwan yoo ta'u, maallaqaa fi nyaataan akka deeggaran waadaa galaniiru.
Taatee kun waggoota darban keessa haleellaa akka tasaa walduraa duubaan raawwatame keessaa isa dhiyeenyaa yoo ta’u, Amnestii Intarnaashinaal dabalatee gareewwan mirga namoomaaf falman biratti yaaddoo hammeessee jira.