Torbaan darbe Kooriyaa kIbbaatti balaa Xiyyaaraa mudateen lubbuun namoota 179 darbuu hordofee, daandiin geejiba xiyyaaraa biyyattii Wiixata har’aa xiyyaarota Booyiingi 737-800 kan inni bulchu irratti qorannoon nageenya isaanii akka taasiisu qondaalonni biyyattii himaniiru. Balaan Dilbataa kaleessaa akka buufata xiyyaaraa biyyattiitti balaa isa guddaa yommuu ta’u xiyaarri Kooriyaa kibbaan hoogganamu Xiyyaarri Jeju buufata xiyyaaraa Muwaan Idil addunyaatti wayita bu’aa jirutti daandii balallii irraa maquun dallaatti bu’uun gubachuu danda’eera. Xiyaarichi namoota 181 fe’ee kan ture yommuu ta’u namoonni 179 du’aniiru.Namoota du’aniiran kaneen keessaa 146 eenyummaan isaanii adda kan baafame yommuu ta’u kanneen 33 ta’animmoo Ashaaraan quba isaanii fi DNA’n isaanii qoratamaa jira. Sababni balaa kanaa hanga ammaatti kan hin beekamne yommuu ta’u, Bakka bu’aa pireezidaantii haaraa ta’uun kan muudameeru Choyii Saan Mook nageenya xiyyaarota Booyiingi biyyattiin hooggantu hundaa irratti qorannoon nageenyee akka taasiifamu ajaja kenneera. Ministirri Geejibaa biyyattiis akka mirkaneessetti xiyyaaroota Booyiingi 737-800 Jeet Laayiner kanneen baay’inni isaanii 101 ta’an hundaa irratti qorannaan nageenyaa gaggeeffama jedheera. Qorannaan kun wayita taasifamus bakka bu’oonni Boordii nageenya geejibaa biyyaaleessaa Yuunaayitid Isteetisii fi kan Booyiingi Wiixata har’aa Kooriyaa Kibbaa seenus jedhameera.