Ityoophiyaan umnaa gamataa Afrikaa isaa Somaaliyaa keessatti nageenyaa kabachiisuuf bobba’u keessatti akkaataa hirmaachuu dandeesu irratti marii taasisaa jiraachuu ishee beeksiftee jirtii.
Ministeerri dhimmaa alaa mootumma Ityoophiyaa hirmaannaa Ityoophiyaa kana ilaalchisuudhaan ibsaa kenneen dhimichaa irratti mootummaa Somaaliyaa wajjin mariin taasifamu itti fufuu isaa ibsee jira.
Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Ityoophiyaa Nebiyaat Geetaachewu jimaata har’aa Mudee 25 bara 2017 ibsaa kennaniin waligaltee biyya Turkii magala Ankaaraa keessatti taasifamee irratti hundaa’udhaan walitti dhufeenyi Ityoophiyaa fi Somaaliyaa akka deebi’ee haaromsamuu irratti hojjatamaa jiraachuu isaa ibsaniiru.
Waraanaa gamtaa Afrikaa jalatti gurmaa’e simachuudhaaf qophaawwa akka jiran kan ibsan haanga’onni mootumaa Somaliyaa gama isaanitiin, gaaffii Ityoophiyaan loltoota ishee hirmachisuuf dhiheesitee akka ilaalaa jiran himaniiru.
Jiilli mootumma Itiyoophiyaa ministira Ittisaa Ayishaa Mohaamadiin Hogganamuu kamisaa kaleessaa daawanaa Moqaadishootti taasiseen, ergamaa naga eegdotaa gamataa Afrikaa waloodhaan jabeesuu irratti hanga’ootaa mootumaa Somaliyaa wajjin akka waligaltee irra gahame ibsuun isaa beekameera.
Ministirri ittisaa mootummaa Somaaliyaa Abdulqaadiir Mohaamad Nuur ibsaa guyaa har’aa kennaniin, Ityoophiyaan garee naga eegdota Afrikaa isa AWUSOM jedhamee beekamu keessatti hirmaachuudhaaf gaaffii dhiheesite fudhachuudhaaf mootumaan feederaala Somaliyaa fedhii qabaachuu isaa akka ibsan Kenedii Abaatee Finfinnee irra gabaseera.