Awaash Fantaallee Keessatti Dho’insi Volkaanoo Uumame

  • VOA

FAAYILII: Naannoo Affaar Awaash Fantaallee Keessatti dho'iinsi volkaanoo uumame

Irra deddeebbiin Kirkirri lafaa tibba kana mudachaa kan ture Naannoo Affar Aanaa Dullacha gaara Daafaan, Awwaash Fantaaleetti dhohinsi Voolkaanoo uumameera. Dhohiinsa uumaame kanaanis bishaan ukkaakamee fi hurka kan qabu ol gara samiitti ka’u mul’ata. Faanaa Biroodkastiingi Serviisi akka gabasettimmoo hooggantoonni naannoo Affaar uummata naannoo sana jiraatan bakka sanaa baafamanii bakka biraa qubsiifamaniiru.

Itiyoophiyaatti Komishinii ittisa balaatti Komishinara kan ta’an Shiffarraw Takile Maariyaam taatee kana dhohinsa voolkaanooti jechuuf waantoonni nu dandessisanirra waan geenye miti jedhanii angawoonni naannoo garuu carraa hundattiyyuu fayyadamaa jiru jedhaniiru. Ummanni hangi tokko akka sana gdhiisee ba’aa jiras Kan jedhan Komishiranirichi karaa qindaa’aa ta’een hojjechuufis qophiitti jirra, kunis tilmaama dhufu irratti hundaa’uunis jechuun Rooyiteersitti himaniiru.