Itiyoopiyaan Uummata Volkaanoon Mudachuu Mala Sodaa Jedhuun Naannoo Kirikirri Lafaa Itti Dhaga’ame Keessaa Uummata 80,000 Baasuun Ibsame

Itiyoopiyaan Uummata Volkaanoon Mudachuu Mala Sodaa Jedhuun Naannoo Kirikirri Lafaa Itti Dhaga’ame Keessaa Uummata 80,000 Baasuun Ibsame

Mootummaan Itiyoopiyaa kirkira lafaa Afaar, Oromiyaa fi naannolee Amaaraa keessatti mudatetti aansee namoota 80,000 ta’an bakka kirikirri itti mudate keessaa basaa kan jiru ta’uu beeksise.

Yoo xiqqaae erga Jimaata kaleessaa qabee kirikirri lafaa yeroo sadii Itiyoopiyaa keessatti mudatee jira.

Kirkirri lafaa inni boodanaa naannoo Awaas Fantaallee kan Affaarii fi naannoo Oromiyaa gidduu jiru keessatti akka sa’aatii biyyaatti ganama sa’a 3:52tti dhaqqabe. Xinxalli qorannaa dachee kan Yunaayitid Isteetis akka galmeessetti kirikirri lafaa sun Rekter Iskeelii 5.8 yoo ta’u Abboomsaa kibba gama dhiyaa kan naannoo Oromiyaa keessatti Sambata har’aa ganama mudatee jira.Sa’aatii hanga tokko booda kirkirri rekter skeelii 4.7 kun Awaash bahaa kan naannoo Affaar keessatti mudachuun gabaasameera.

Yunivarsiitii Finfinnee Inistiitiyuutii Ji'oofiziksii, Saayinsii Hawaa fi Astironoomii-tti Itti Gaafatamaan Kutaa qorannaa kirkira lafaa Piroofeesar Attaalay Ayyelee Sagalee Ameerikaaf akka himanitti kirkirri lafaa kun naannoo Affaar naannoo Fantaallee fi naannoo Awaashitti mudateera. Raafamni kirkira lafaa kun akkuma naannoo biroo Abboomsaatti dhaga'ameera jedhan.

Raafamni kirkira lafaa magaalaa Finfinnee, Adaamaam Matahaaraa fi magaalaalee birootti dhaga’mee jira. Jiraattonni manneen jireenyaa Kondominiyemii keessa jiraatan daran itti dhaga’amuu isaa gabaasaaleen beeksisaniiru.

Mootummaan akka jedhetti kirkirri lafaa kun hanga ammaa magaalaalee gurguddoo keessatti miidhaa hamaa hin dhaqqabsiisne jechuu dhaan lammiiwwan hayyootaan ergaa of eeggannoo darbu sirriitti hojii irra akka oolchan gaafatee jira.