Kibba Itiyoopiyaa godinaa Koree aanaa Gorkaa keessatti hidhattoota waraana Bilisummaa Oromoon haleellaa kaleessa Muddee 29 bara 2017 raawwatame jedhameen kaleessa namoonni lama ajjeefamuu jiraattonni naannoo fi maatiin nama du’ee kan Admaasuu Asaffaa obbo Yooseef Yohaannis bilbilaanVOAf ibsaniiru. Waajjirri nagaa fi nageenya godinaa Koree aanaa Gorkaa, loon isaanii tiksaa turan kan ittiin jedhe siiviloonni ama Oromiyaa naannoo Gujii dhiyaa irraa qaxxaamuranii dhufan hidhattoota ittiin jedhaniin ajjeefamuu beeksisee jira. Godinaa sana keessa waraann isaanii akka jiru VOAf kan ibsan obbo Jireenyaan, maqaa waraanichaa balleessuuf akka inni jibbamuuf shira xaxamee dha jedhan. Firri nama du’ee kan obbo Admaasuu obbo Yooseef sirna awwaalchaa raawwannii bo’a teenyee jirra jechuun dubbatan.
Qonnaan bultoota ajjeefaman jedhaman keessa kan lammataa obbo Antaayyoo Zoolaa, jiraataa ganda Keeredaa kan turaniif loon isaani tiksaa oolanii bishaan obaasuun gara qe’eetti deebi’aa utuu jiranii ajjeefamuu jiraataan gandattii obbo Galataa Geetaachuu VOAf bilbilaan ibsaniiru. Ajjeechaan sun kan raawwatame bifa suukaneessaa dhaan jechuun obbo Galataan itti dabaluun dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira nagaa fi nageenyaa aanaa Gorkaa obbo Biruk Ayyelee, namoonni lama hidhattootaan ajjeefamuu Sagalee Ameerikaatti himaniiru. Hidhattoonni kun ajjeechaa sana kan raawwatan kaleessa galgala naannoo Afurii fi sa’a 11tti ta’uu ibsanii, yeroo dhaa gara yerootti haleellaan siivilota irratti raawwatamu dabalaa adeeme jedhan.
Ajjeechaan kaleessaa kun kan raawwatame naannoo sana keessatti haala ho’aa dhaan kan kabajamu ayyaana Gannii irratti haala gaddisiisaa uume jedhani, jiraattonni naannoo gaddaan dabarsan jedhan. Obbo Biruk akka jedhanitti, haleellaa sana kanneen raawwatan kanneen naannoo Oromiyaa Godina Gujii dhiyaa keessa sosso’an hidhattoota ONEG shanee ti jechuun dubbataniiru. Ajjeechaa kanaan maqaan isaa dha’amuun kan yakkame dubbi himaa WBO kan ta’an obbo Jireenyaa Guddataa, waraanni keenya siivilota qiyyaafata hin godhatu jechuun himannaa sana haalanii jiran. Maqaa waraana keenyaan namoota nagaa irratti haleellaan raawwatamu qaama walabaan qulqullaa’ee tarkaanfiin akka fudhatamu barbaanna jedhan jechuu dhaan Yonaataan Zebidiwoos gabaaseera.