Darajjee Getaachoo: Nama Ogummaa Qalaqaa Guddifachuun Rakkoo Oomisha Qonnaa Naannoo Isaa Furaa Jiru

Your browser doesn’t support HTML5

Darajjee Getaachoo: Nama Ogummaa Qalaqaa Guddifachuun Rakkoo Oomisha Qonnaa Naannoo Isaa Furaa Jiru

Dargaggoo Darajjee Getaachoo, ogummaa kalaqaa meeshaalee qonnaa itti bobba’ee jiruun qonnaan bultootaaf furmaata akka fidaa jiru dubbata. Godinaa Shawaa Lixaa, aangaa Tokkee Kuttaayee dhalatee kan guddate Darajjeen, maashinoota qonnaa, kanneen akka tiraakteraa harkaan hojjetuu fi meeshaalee midhaan calleessan hojjetee, qonnaan bultootaaf dhiheessaa jira. Qonnaanbultoonni akkasumas jiraattonni hojii ogummaa isaa arganii fi itti fayyadaman “hojiin Darajjeen hojjete, jiruu keenya nuuf alphise,” jedhu. Gabaasaan Sagalee Ameerikaa Galmoo Daawit, qaamaan bakka sanatti imaluun qophii qindeesse qabna.