Gareewwan walitti bu’insa Sudaan kibbaa keessatti hirmachaa jiran waldhabdee isaanii furuudhaaf akka hatattamaan gara maritti deebi’anu gareen misoomaa fi waliti dhufeenya biyyoottan gaanfa Afrikaa ykn IGAD hubachiisee jira.
Hoggantoonni biyyoottan miseensa IGAD waliti bu’insa Sudaan kibba keessatti adeema jiru ilaalchisuudhaan walgahii guyya har’aa taasisan irratti kan dubbatan dura ta’aan IGAD dokteer Warqinee Gebeyyoo, mariin gareewwan lamman taasisan biyyoottan gaanfa Afrikaa keessaa tokko keessatti akka ta’uu danda’u himaniiru. IGAD, haaga’onni Mootummaa Sudaan kibbatiin tibbana kana hidhamaniis akka atattamaan gadi lakkisaman gaafatee jira.
Gareen hidhatootaa, Itti anaa Prezidaantii mootumma Sudaan kibba Reek Maachaari wajjin hidhata akka qabu ibsame, kutaa Aper Naayil keessatti bakka Naasir jedhamutti kan argamu buufata waraana mootumma irratti haleella raawwate hordofuudhaan namoottan itti anaa prezidaantii mootumma biyyatitti siqan heddun too’annoo jala oolfamanii jiru.
Waldahabdee Prezidaanti Sudaan Kibbaa Saalvaa kiir Maayardit fi Itti anaa prezidaanti Reek Maachaar gidduutti umameen walqabatee mootummaan biyya Ugaandaa humna nageenyaa adda gara magaala gudichaa Sudaan kibbaa Jubbaatti erguu isaa, ajajjan waraana Ugaandaa qibxata kaleessa beeksisaniiru.
Yunaayitid Istees gama isheetiin haala nageenyaa Sudaan kibba keessa jiruun walqabatee hojjattoonni mootumma Yunaayitid Isteets hojii atattamaa irratti hin hirmaanne hundi magala gudicha Sudaan kibbaa Jubba gadi lakkisanii akka bahan Samabata dheengadaa hubachiisteetti.