Obbo Geetachoo Raddaa pireezidaantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay haala Tigiraay keessatti wal qoodinsa hooggantoota dhaaba ABUT gidduu jiru hordofee uumaamaa jiru irratti Finfinneetti ibsa sabaa himaaleef kennaniin Tigiraay keessatti fonqolcha mootummaatu taasifamaa jira. Gareen ABUT tokko hooggantoota waraanaa hanga tokko kanneen deeggarsa qaban qabachuun hojii kana hojjechaa jiras jedhaniiru. Kana seera qabsiisuuf bulchiinsi yerichaa hojiin isaa akka gufatu taasiisafameera kan jedhan Obbo Geetachoon mootummaan Federalaa tarkaanfii fudhachuu qabas jedhaniiru.
Naannoo Tigraay Keessatti Fonqolcha Mootummaatu Geggeessamaa Jira, Jedhu Obbo Geetaachoo Raddaa, Pirezidaantiin Yeroofii Naannichaa
Your browser doesn’t support HTML5
Naannoo Tigraay Keessatti Fonqolcha Mootummaatu Geggeessamaa Jira: Obbo Geetaachoo Raddaa