‘Qeerroo fi maanugddon Baalee Roobee kaanee rakkoo ummata keenna irratti mari'achuuf osoo kora addaatiif Ambootti yaanuu dabruu nu dhorkan’

Qeerroo fi maanguddoo Baalee isaanii makiinaa 30 olitti wal fa'ee mariif Ambootti yaa'u karaa raran

Your browser doesn’t support HTML5

Qeerroo fi maanguddoo Baalee isaanii makiinaa 30 olitti wal guuranii 'koraaf' Amboo yaa'an karaa raran

Ijoolleen kahima Baalee duruu godina isaanii keesaa fulaa hedduu yaa’anii nama wal dhaba daangaa Somaaleetiin baqate gargaaraa baane jedhan.

Fakkeennaa Raayituu,Harannaa-Bulluqii fi fulaa akka akkaatti nama gargaaraa bahan.

Akka jiraattotii Baalee,Roobee dubbifne jedhanitti ijoollen kahima aanalee Baalee hedduu keessaa wal yaamanii rakkoo Oromoon keessa jirtu irratti mari’achuuf armaan duratit kora guddaa Ambootti qabatan.

Foollee fi maanguddoo naannoo isaaniillee dabalatanii jarii jedhutti Harargee Bahaa aanaa Hammarreessallee dhaqanii akka Hammerreessa dhaqanii ummata baqate gargaaran.

Haradhallee akka warrii jedhutti hujuma akkanaatiif Shawaa Dhiyaa dhaquutti diiramaan Roobee ka’an.

“Ammallee gaafa awwaalacha Koloneel Aliyyii Cirrii irratti walgeennee humna tokkoon gargaarsa sona qabu tokko ummata buqqaheef goona jennee kora addaa qeerroo magaalaa Ambootiin waliin qabannee turre.Jaarsatti nu keessa jiraa xalyaa karaa kana ittiin deemnu nuu kennaa jennee bulchiisna godina Baalee gaafannee nu dhowwatan,” jedha namii Baalee dubbifne.

Jarii kun kora akka warrii jedhutti kora qeerroo Ambootii fi bulchoota mootummaa Oromiyaa waliin Ambootti qabatan hardha jalqabuuf Roobee ka'ee kahee,Adaabaa keessa dabree,Dodolaan qaxxaamuree Asaasaa fi Shaashamannee jidduu geennaan Raayyaan Ittisa Biyyaa karaa dabruu nu dhowwan jedha.

Warrii marii Ambootti qabatan tanaaf yaahitti jiru makiinaa 30 caalaatti wal fa’ee ganamaanuu ka’e.“Akkuma qeerroo kamiiyyuu ummata keenna bira deemnee gargaruuf turre,” jedha.

Warrii amma Galma Abbaa Roobeetti jiru duratti walti bahee akka bulchiinsii dhufee isaan dubbisu eegachuutt jira.Bulchiinsa godina Baalee tana irratti deebii irraa hin arganne.

Itti gaafatamaan biiroo odeeffannoo godinaa sunii obboo Kadri ammoo “walgahaniif Awaasaa jiraa oduu tana quba hin qabu,” jedha.