MM Abiyyi Hidhattoota Itiyoophiyaa Keessa Socho'an Waliin Ammayyuu Waliin Dubbiitti Jirra Jedhan 

  • VOA

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad paarilaamaadhaaf haasaha oggaa godhan, Finfinnee, Onk. 31, 2024.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad Kamisa kaleessaa ya’ii mana maree bakka bu’oota Uummataa irratti argamuun gaaffiiwan ka’aniifirratti debbii kennaniiru. Miseensa mana marichaa kan ta’anii fi miseensa dhaaba siyaasaa Abin kan obbo Ababawu Dassaaleenyi gaaffii dhabamuu nageenyaarrtti ministira muummee gaaffataniin furmaanni siyaasaa maaliif kenamuu dhabe kan jeddhuuf , muummichi ministiraas deebii kenaniin naannoolee Amhaaraa fi Oromiyaa keessatti qaamoolee hidhatanii socho’an waliin dubbachuu jalqabnuyyuu qormiitileen isaan mudachaa jiraachuus ibsaniiru. Muummichi ministiraa Kanaan duras qaamoolee hidhatan kanneen waliin dubbachaa jirra jedhanis qaamoolee hidhatan kanarraa garuu ifatti waanti jedhameeru hin jiru.

Haala nageenya Naannoo Amhaaraa keessaarratti ibsa bal’a kan kennan muummichi ministiraa walitti bu’insichi karaa nagaa akka hiikkatuuf Gamtaa Afiriikaa dabalatee qaamooleen garaa garaa yaalii taasisuu isaaniis ibsanii mootummaan isaanii ammas nagaaf qophii ta’uus himaniiru.

Walii galtee hulaa galaana fayyadamuu Somaalee Laandi waliin Itiyoophiyaan mallatessite irrattis gaaffiin kan ka’eef muummichi ministiraa yommuu deebisan Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun alatti Somaaliyaa waliin ajandaa homaayyuu hin qabdu jedhanii karaa nagaatiin hulaa galaanaa argachuu kan jedhu garuu Itiyoophiyaan itti fuftis jedhaniiru. Itiyoophiyaarratti weerara taasifamuuf karoorfame deebisuuf Itiyoophiyaan humna ga’aa qabdi jechuunis ibsaniiru.

Muummichi ministiraa ibsa isaanii keessatti waa’ee hidha laga abbayyaa , Misooma koriidarii , qalaa’insa jireenyaa , dhiimmota diinagdee fi hawwasummaa irratti xiyyeeffachuun kan dubbatan yommuu ta’u foyya’insi miindaa hojjettoota mootummaa taa’sifame ji’a Onkolooleessaa kanarraa kaasee hojiirra oola jedhaniiru jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Manni Maree bulchiinsa magaalaa Maqalee muudama Kantiibaa magaalittii falmisiisaa ta’e kan Pireezidaantii naannichaan dhorkaan irrati barraa’e mormuun hojii isaanii akka itti fufan jechuun murteesse.